Fana: At a Speed of Life!

Waqtii gannaa kana aanaaleen Oromiyaa 64 balaa lolaaf saaxilamoo ta’u danda’u jedhame

Finfinnee, Adooleessa 9, 2013 (FBC) – Lammiilee balaa lolaaf saaxilamoo ta’an jedhamanii adda ba’an kuma dhibba 5 fi kuma 20 deeggaruuf baajanni Birriin biiliyoonni 3 ol ramadamuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa beeksiise.
Iddoolee Rooba idil ol argachuu danda’anitti balaan lolaa uumamuu akka danda’u ibsameera.
Hojii balaa dursanii ittisuu hojjetameen lammiileen kumni dhibbi 5 fi kumni 20 balaa lolaaf saaxilamuu akka danda’an himameera.
Balaan lolaa lubbuu namaa fi qabeenya akka hin mine hojiin dursanii ittisuu hojjetamaa jiraachuu bakka bu’aan daayreektara of eeggannoo duraa fi deebii Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa biyyaaleessa obbo Darajjee Geetaanahi ibsaniiru.
Balaan lolaa kun naannolee hunda keessatti muudachuu danda’us Oromiyaa, Kibba, Somaalee, Amaaraa fi Afaariitti caalmaatti muudachuu akka danda’u ragaan kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru.
Balichi sadarkaa biyyaatti iddoolee 246tti muudachuu akka danda’u eeruun, aanaaleen Oromiyaa 64 balichaaf saaxilamoo ta’u himaniiru.
Naannoo Kibbaatti aanaalee 52, Amaaraatti aanaaleen 27 balaa kanaaf saaxilamoo ta’uu akka danda’an kaasaniiru.
Lammiilee balaa kanaaf saaxilamoo ta’uu danda’an jedhamanii adda ba’aniif deeggarsa dhiyeessuuf Birrii biiliyoonni 3 ol ramadaamuu dubbataniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.