Fana: At a Speed of Life!

Warshaan Biqilaa Asallaa Waldaalee Bu’uraa fi Yuuniyanoota Oromiyaa keessa jiran waliin walii galtee mallatteesse

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2013 (FBC) – Warshaan Biqilaa Asallaa baranaa garbuu biqilaa kuntaalaa kuma 500 bituuf Waldaalee Bu’uraa fi Yuuniyanoota Oromiyaa keessa jiran waliin walii galtee mallatteesseera.

Fedeereeshiinin Waldaalee Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Oromiyaa, raawwii hojii Waldaalee Bu’uuraa, Yuuniyanoota Oomishaa Garbuu Warshaa Biqilaa Asallaaf dhiheessan waliin ciminaafi hanqina turerrarti mari’ateera.

Warshaan Biqilaa Asallaa qabeenyaa qonnaan bultottaa Oromoo erga ta’ee waggaa sadi lakkoofsiisuun, fedhii garbuu biqila warshaawwan Biiraa biyyatti guutuufi garbuu biqilaa duraan biyyaa alaarraa doolarra guddaan bitamee galuu hambisuu fi dinagdee qonnaan bultootaa naannichaa guddisuuf hojii guddaa hojjechaa jira jedhame.

Hogganaan itti Aanaa Fedeereeshiinii Waldaalee Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Oromiyaa, Obbo Alamaayyoo Tashomaa, Warshichi bara darbee garbuu Kuntaala kumaa 500 tti siiqu biqilchuun galtee Biiraaf dhiheessuun fedhii warshaalee Biiraa Naannoo Oromiyaa keessa jiran bira darbee, warshaalee Biiraa akka biyyaatti jiraniif dhiheessuun baasii dolaaraa biqila garbuuf biyyattiin kanaan dura baastu hedduu hambisuun himaniiru.

Maddi:-OBN

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.