Fana: At a Speed of Life!

Weerara hoomaa Awwaannisa naannoo Tigraayii fi godina Walloo Kaabaatti muudate too’achuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2013 (FBC) – Weerara hoomaa Awwaannisa naannoo Tigraayii fi godina Walloo Kaabaatti muudate too’achuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame.
 
Naannoo Tigraay godinaalee 4 gandoota 45 keessaatti weerarri kun muul’achuu himameera.
 
naannichaatti oomisha midhaanii lafa hektaara kuma 32 irra ture miidhuu isaa ibsameera.
 
Weerara kana ittisuuf kutaaleen hawaasaa bifa aadaa fi ammayyaan hojjechaa jiraachuu dubbatameera.
 
Mootummaan Federaalaa weerara hoomaa awwaannisaa Kibba Tigraayy fi Baha naannoo Amaaraatti muudate too’achuuf xiyyarootan biifaa keemikaalaa gaggeessaa turuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Godina Walloo Kaabatti hanga ammaatti oomishni lafa hektaara kuma 18 irratti misoomee ture guutumaan guutuutti barbadaa’uu ibsameera.
 
Weerarri kun oomishaalee akka Xaafii ,Mishingaa, Girbuu fi kanneen biroon barbadeessera.
 
Godina Walloo kaabaatti qofa lammiileen kumni 34 ol balaa cimaaf saaxilamuu ibsameera.
 
Balaa weerarri hoomaa awwaannisaa qaqqabsiisu kana ittisuuf mootummaa naannoo fi federaalaa qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsameera.
 
Madd:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.