Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf dagannaa muul’atu hambisuuf hojjetamuu qaba – obbo Oordiin Badirii

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf dagannaa muul’atu hambisuuf xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaa ta’uu Preezdaantiin naannoo Hararii obbo Oordiin Badiriin dubbatan.
Naannichatti weerara vaayrasichaa to’achuu fi ittisuuf sosochii baatii jahaaf turu ifoomsuuf waltajjiin marii gaggeeffameera.
Weeraricha to’achuu fi ittisuuf mootummaan, ummannii fi Paartiin hirmaannaa cimaa taasiisuun bu’aa jajjabeessn galmaa’uu obbo Oordiin Badiriin ibsaniiru.
Hojii hanga ammaatti hojjetameef abbootiin amantaa, jaarsooliin biyyaa fi afooshaleen shoora olaanaa taasiisuu himaniiru.
Yaa ta’uutiin hirmaannaa yeroo duraa ture yeroo ammaa laafaa dhufuu Preezdaantiin naannoo Hararii obbo Oordiin Badiriin dubbataniiru.
Dagannaan muul’achaa dhufe hambisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Sosochiin eegalame bu’aa qabeessa akka ta’u qaamoleen dhimmi ilaallatu itti gaafatamummaa isaaniin ba’uun biyyaa fi ummata baraaruu akka qaban itti aantuun Preezdaantii naannichaa aadde Miisiraa Abdallaa ibsaniiru.
Baatiwwan darban weeraricha ittisuu fi to’achuuf hojii jajjabeessan hojjetamus yeroo ammaa dagannaa olaanaan muul’achuu hogganaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa naannoo Hararii obbo Ibsaa Ibraahiim dubbataniiru.
Yeroo itti aanu ittisaa fi to’annoo vaayrasichaarratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Komiinikeeshinii Mootummaa naannichaarraa argame ni muul’sa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.