Fana: At a Speed of Life!

Weerarri vaayrasii koroonaa shamarran kumni dhibbi 5 ol umrii malee akka heerumaniif sababa ta’u danda’a – Save The Children

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) –weerarri vaayrasii koroonaa shamarran kumni dhibbi 5 ol umrii malee akka heerumaniis sababa ta’uu danda’a jedhame.
 
Bara kana weerarri vaayrasii koroonaa shamarran miiliyoona walakkaa ol ta’an umrii isaanii malee bultii akka ijaaraan dirqisiisuu danda’a jedhe Dhaabbanni ‘Save The Children’.
 
Maatiin diinagdee isaanii sababa weerara vaayrasii koroonaan miidhame deeggaruuf jecha shamarraan umrii malee akka heeruman dirqisiisaa jiraachuu ragaan argame ni agarsiisa.
 
Taateen kun waggoottan 25 darbaniis as gaal’ina umrii malee fooyya’aa dhufe duubatti deebisuu danda’a jedhame.
 
Weerarri kun osoo hin muudatin dura addunyaarratti waggaa waggaan shamarran miiliyoonni 12 ol umrii malee gaa’ila akka raawwataniif kan dirgaman ta’uu ragaan argame yaadachiiseera.
 
Haalli amma jiru itti fufe taanaan waggoottan shanan dhufan keessatti shamarran miiliyoonni 2.5 miidhamoo ta’uu danda’u jedhame.
 
Maddi:-CGTN
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.