Fana: At a Speed of Life!

Xaaliyaaniin Shaampiyoonaa Waancaa Awurooppaa taate

Finfinnee, Adooleessa 5, 2013 (FBC) – Xaaliyaaniin Ingiliiz injifachuun Shaampiyoonaa Waancaa Awurooppaa taateerti.
Tapha xumuraa Istaadiyeemii Weembileeyitti halkan edaa taphatameen Xaaliyaaniin rukkuttaa adda bahiinsaan Ingiliiz injifachuun Shaampiyoonaa Waancaa Awurooppaa bara 2020 taateerti.
Taphichi sa’aatii idileen 1 qixa xumuramuun rukuttaa adda bahiinsaan Xaaliyaaniin 3 fi 2n Ingiliiz injifachuun shaampiyoonaa taateerti.
Gama Ingiliiziin Raashfoord, Saakaa fi Saanchoon rukuttaa adda bahiinsaa qolaniiru.
Goolii eegaan Xaaliyaanii taphataa cimaa dorgomichaa yoo ta’uu, Kiristiyaanoo Roonaaldoon taphata galchii olaanaa dorgomichaa ta’uun badhaafamaniiru.
Maddi:-BBC Isport
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.