Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oo biyyoo alaa fe’uuf qophiin xumurame

Finfinnee, Mudee 29, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Geejiba Galaanaa fi Tajaajila Loojastiiksii Ityoophiyaa xaa’oo biyyoo oomishaa bara 2012f oolu gara biyya keessatti fe’uuf qophii xumuruu beeksiseera.

Dhaabbatichi xaa’oo biyyoo qonna Gannaa bara 2012f oolu biyya alaatii gara buufata Jiibuutiitti fe’uu eegaluu isaa beeksiseera.

Dooniin jalqabaaf xaa’oo biyyoo kana feete guyyaa kaleessaa buufata Jiibuutii ga’uun ishee beekkameera.

Doonittiin Adiibaay Gibts irraa Yuuriyaa; xaa’oo biyyoo meetriik toonii 50 fe’uun buufata Jiibuutiitti buufttee jirti.

Torbee dhufu Doononni lama buufata Moorookoo Joorf Laasfar irraa xaa’oo biyyoo fe’an Jiibuutii akka ga’an ni eeggamu.

Dhaabbatichi fe’iinsichi yeroodhan gara biyya keessaatti akka geejibsiifamuuf qophii barbaachisu xumuruu isaa beeksiseera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.