Fana: At a Speed of Life!

Yaadannoon Injifannoo Adwaa Sanbata dhufurraa eegalee daawwattootaaf banaa ta’a

Finfinnee, Bitootessa 5, 2016 (FBC)- Yaadannoon Injifannoo Adwaa Sanbata dhufurraa eegalee daawwattootaaf banaa akka ta’u Daayrektarri Yaadannichaa Injiinar Wubaayyoo Maammoo ibsan.

Yaadannoon Injifannoo Adwaa Guraandhala 3, 2016 Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin eebbifamuun ni yaadatama.

Hanga ammaatti dureewwan Afrikaa dabalatee dhaabbilee fi biyyoonni idil addunyaa garaagraaa daawwachaa turuun eerameera.

Sanbata iftaaniirraa eegalees kutaaleen hawaasaa hundi akka daawwatanii fi seenaa Adwaa irraa akka baratan kan taasifamu ta’uu Injiinar Wubaayyoon dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.