Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ichi Ityoophiyaan eejjennoo ishee kan itti hubachiisteedha-Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC) – Yaa’ii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 77ffaarratti Ityoophiyaan dhimma Hidhaa Guddicha Haaromsa fi waraanaa kutaa Kaabaa biyyattirratti eejjennoo ishee kan hubachiistee ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa ibse.

Dubbii Himaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Mallas Alam ibsa kennaniin, yaa’ichi ejjennoowwan Ityoophiyaa murteessoodha jedhaman kan hubachifame ture jedhan.

Haaluma kanaan Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin waraanaa Kaabaa nagaan xumuruuf, Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa fayyadamummaa waloon walqabatee, fayyadamtummaanis ta’e furmanni isaa kan Afrikaa ta’uu hubachiisteetti jedhan.

Rakkoolee addunyaa furuuf adeemsa qeenxeerra imalaa waloo akka barbaachisuu hubachiisuu himaniiru.

Yaa’ichaan cinaattis dureewwan biyyoota garaagaraa waliin mariiwwan gama lameeniin biyyootaa 20 ol waliin mari’atamuu ibsaniiru.

Chaayinaan, Hindi, Eertiraa, Maalii dabalatee dureewwan biyyoota garaagaraa waliin dhimmoota hariiroo biyyootaa cimsan irratti mari’ataniiru jedhan.

Hoggantoota dhaabbilee idil addunyaa waliinis waloon hojjechuuf haalota dandeessisanirratti mari’achuun akka danda’ame kaasaniiru.

Yaa’ii kanarratti ityoophiyaan kan ittiin dursummaa argataa jirtu sagantaa Ashaaraa Magariisaa fi waadaa saqoxaa keessatti hojiilee tarreeffamanirratti ityoophiyaan muuxannoo ishee qoodduu eeran.

Gama biraatiin Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad Ityoophiyaatti daawwannaa gaggeessaa jiraachuu eeranii, marii Muummee Ministiraa Abiy Ahimad waliin taasisaniin shoorkeessummaa ittisuu fi walitti hidhamiinsa daldalaarratti waloon hojjechuuf waliigaluu ibsaniiru.

Habtaamuu Takilasillaaseetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.