Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Barnootaa magaalaa Finfinnee gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 14, 2015(FBC)- Yaa’iin Barnootaa magaalaa Finfinnee 29ffaan mata duree “ Barnoonni aadaa hedduufi badhaadhina biyyaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Yaa’icharratti raawwiin karoora Biiroo Barnootaa magaalichaa bara 2014fi qophiin karoora itti aanuu  dhiyaachuufi qaamoleen dhimmatootaa yaa’icharratti hirmaachuu eerameera.

Pireezidaantiin Waldaa Barsiisotaa magaalichaa Obbo Dinqaalam Tolasaan, gaaffilee bulchiinsa magaalichaaf dhiyaataniif deebiin kennamaa jiraachuusaaf bulchiinsa magaalichaa galateeffataniiru.

Fuuldurattis bulchiinsi magaalichaa gaaffii barsiisotaaf deebii kennu cimsee akka itti fufu gaafachuu ragaan Biiroo Barnootaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Yaa’ichi oolmaasaa guyyaa boriin dhaabbilee  garaagaraa waliin sanada hariiroo ni mallattessaan akkasumas qaamolee raawwii hojii gaarii galmeessisaniif beekamtii ni kenna jedhamee kan eegamu ta’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.