Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin dureewwan Gamtaa Afrikaa 33ffaan nagayaan xumuramuu Koomiishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Yaa’iin dureewwan Gamtaa Afrikaa 33ffaan nagayaan xumuramuu Koomiishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Jiraattonni magaalaa Finfinnee caasaa nagayaa cinaa dhaabbachuu isaanitiif koomiishinichi galateeffateera.

Magaalattiin Amajjii 6 eegaltee amma Gurraandhala 2,2012tti walga’iiwwan Gamtaa Afrikaa addaddaa keessummeessaa turuu ibseera.

Yaa’iin dureewwaniis ta’e waltajjiiwwan biroon nagayaan akka xumuraman aadaan gaarii keessummaa simachuu fi gaggeessuu ummataa adda ta’uus eerera.

Keessummoota dabarsuuuf daandin yoo cufamu, obsii fi naamusni ummataa dansaa akka tures ibseera koomiishinichi.

Caasaan nageenyaa hojii boonsaa hojjeteef galateeffateera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.