Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin koomiishinaroota poolisii federaalaa fi naannoo 11ffaan gaggeeffama jira

Finfinnee, Onkooleessa 4, 2013 (FBC)- Yaa’iin koomiishinaroota poolisii federaalaa fi naannoo 11ffaan gaggeeffama jira.

Yaa’iicharratti Janaraal Koomiishinarri Koomiishinii Poolisii Federaalaa Indaashaaw Xaasaw, itti aantonni koomiishinaroota poolisii federaalaa fi koomiishinarootaa fi itti aantonni koomiishinaroota poolisii naannolee kurnanii hirmaata jiru.

Yaa’iichaan gabaasni haala nageenyaa naannolee hunda dhiyaachuun ni mari’atama.

Janaraal Koomiishinarri Koomiishinii Poolisii Federaalaa Indaashaaw Xaasaw, yaa’icharratti akka ibsanitti Ityoophiyaan daandii jijjiirramarratti argamti jedhaniiru.

Jijjiirramichaan walqabatee jijjiirramonni biyyaa fi uummata fayyadan muul’achu dubbataniiru.

Yeroodha gara yerootti ajandaa jijjiiruun nageenya biyyattii fi misoomaatti qamoolee keessaf alaan gufuu ta’uuf tattaaffi taasisa jiru jedhaniiru.

Koomishiinichiis tattaaffi isaanii fashaleessuuf tokkuumma humnoota nageenyaa eeguun nageenyaa biyyattii kabachiisa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataniis jijiirrama Ityoophiyaatti eegalame bu’ureeffachuun nageenyaa biyyaa fi mootummaa giddugaleessa godhachuun tajaajila poolisiirratti rifoormii gaggeeffama jirachuu ibsaniiru.

Yaa’iichi har’a dabalatee guyyoota lamaaf ni gaggeeffama.

Faasikaaw Taaddasatu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.