Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin naannoo Amaaraa magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 2, 2012 (FBC)- Yaa’iin “tokkummaa waaraa fi milkii hundagaleessaa” naannoo Amaaraa magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamaa jira.
 
Yaa’icharratti hoggansi siyaasaa fi hayyoonni hirmaachaa jiru.
 
Waltajjicharratti itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan, preezdaantiin naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xiruunah hirmaachaa jiru.
 
Paartii naannicha bulchu dabalatee, paartileen morkattootaa, abbootiin amantaa, keessommooni addaddaa hirmaachaa jiru.
 
Waltajjii guyyaa lamaatin, waraqaaleen qorannaa 3 dhiyaatanii irratti ni mari’atu jedhameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.