Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin tumsa dhaabbilee Amantaalee Idil Addunyaa gaggeeffamuufi

Finfinnee, Guraandhala 14, 2015 (FBC) – Yaa’iin Tumsa dhaabbilee Amantaalee Idil Addunyaa jalqabaa Finfinneetti gaggeeffamuuf ta’uu Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa beeksise.

Yaa’ichi tumsa Dhaabbilee Amantaalee Afrikaa, Fooramanii biyyoota Garee 20, hawaasa Diyaaspooraa Ityoophiyaa, Gamtaa Afrikaa fi dhaabbilee amantaalee idil Addunyaa biroo waliin kan qophaa’u ta’uu eerameera.

Yaa’icharratti Pireezidaantii FDRI Saahilawarq Zawdee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon biroo kan argaman ta’uu Barreessaan Yaa’ii Dhaabbilee Amantaalee Ityoophiyaa Lubni Taagaay Taaddaleen ibsaniiru.

Yaa’ichi Galma Walga’ii Gamtaa Afrikaatti kan gaggeeffamu ta’uu eeraniiru.

Hariiroo Manneen Amantaa gidduutti jiru cimsuuf, walitti dhufeenya hordoftoota amantaa guddisuuf waltajjii gaggeeffamu ta’uu Lubni Taagaay Taaddalaan ibsaniiru.

Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.