Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin waliigalaa Buusaa Gonofaa Magaalaa Shaggar geggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 17, 2015(FBC)- Yaa’iin waliigalaa Buusaa Gonofaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Furiitti gaggeeffamaa jira.

Yaa’iichaan mariin hubannoo uumuu kan gaggaeffamuu ta’uufi gabaasni raawwii hojii hanga ammaatti hojjetamee kan dhiyaatu ta’uu ibsameera.

Kana malees filannoon Walitti QabaaFI Ittaanaa Walitti Qabaa Buusaa Gonofaa Magaalaa Shaggar ni gaggeeffama jedhameera.

Yaa’icharrati Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa, Itti gaafatamtuu Buusaa Gonofaa Magaalaa Shaggar Aadde Warqinash Miidhaaksaa fi hoggantoonni biroon argamaniiru.

Dinqaa Baacaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.