Fana: At a Speed of Life!

Yakka malaamaltummaa Birrii biiliyoona 9.4 ga’urratti qorannoon gaggeeffamaa jira – Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Qabeenya ummataa fi mootummaa saamame deebisiisuuf yakka malaamaltummaa Birrii biiliyoona 9.4 ga’u irratti qorannoon taasifamaa jiraachuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksise.
 
Komishinii Poolisii Federaalaatti Biiroon Qorannoo Yakkaa raawwii kurmaan 1ffaa bara 2013 ilaalchisee ibsa laatera.
 
Yeroo dhiyootti maallaqa yakka malaamaltummaan saamame Birrii biiliyoona 9.4 deebisiisuuf himata banuuf gabaasni Ooditii eeggamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Kurmaan darbetti Biiroon qorannoo yakkaa qorannoo Ministeera Barnootarratti gaggeesseen maallaqa saamame miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 70 qaamolee dhuunfarraa himata banuu Koomishinar Zalaalaam Mangistee ibsaniiru.
 
Baatii sadan darban keessa galmeewwan 501 qorachuun Abbaa Alangaa Waliigalaaf dabarsuu ibseera.
 
Biiroon qorannoo yakkaa galmeewwan dhimmoota gurguddoo biyyaa qaban kuma 1 fi 711 hojjechaa jiraachuu itti aanaan Komishinaraa Koomishinii Poolisii Federaala Komishinarri Jeneraalaa Zalaalaam Mangistee ibsaniiru.
 
Qorannoo Fooreensiikiin walqabatee dhimmoonni kumni 21 fi 433 xumuramuu ibsaniiru.
 
Namoonni haala barbaaddamaa turan 95 too’annoo jala ooluu himaniiru.
 
Namoota too’annoo jala oolan keessaa 9 kanneen ala jiraataniidha jedhan.
Gama biroon ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa hordofee namoota jeequmsa uumuun shakkaman kuma 4 fi 249 irratti qorannoon gaggeeffamaa ture xumuramuun himanni banamuu ibsaniiru.
 
Kanneen keessaa galmeewwan kumni 3 fi 377 sadarkaa federaalaatti himanni kan baname ta’uu eeraniiru.
Alaazar Taaddalaatu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.