Fana: At a Speed of Life!

Yakka saamichaa raawwachaa kan turan miseensonni garee shororkeessaa 14 to’ataman

Finfinnee, Fulbaana 15, 2015(FBC)- Gurmaa’uun yakka saamicha cimaa Magaalaa Finfinnee fi naannawaa isheetti raawwachuun nageenya ummataa kan jeeqaa turan miseensonni garee shororkeessaa 14 oppireeshiii olaanaa gaggeeffameen to’annoo jala oolfamuu Humni Waloo Nageenyaa fi Tikaa beeksise.

Jiraattonni magaalattii yaaddoo nageenyaa keessa akka galan garee shororkeessaarraa ergama fudhachuun kan socho’an hojiin adda baasuu cimee akka itti fufus humnichi waloo hubachiiseera.

Shakkamtoota to’annoo jala oolfaman keessa 10 saamichaa fi yakka cimaa kan raawwatan yoo ta’u, yakki isaanii ragaan kan mirkanaa’e ta’uu bira darbee yakka raawwatan amananii bakka yakkichaa itti raawwatan garee qorannootti argisiisaniiru.

Yakkicha raawwachuuf kan itti fayyadamaa turan shugguxii 1, waraqaa eenyummaa sobaa fi meeshaleen biroo akksumas konkolaataa minibaasii ittiin socho’an poolisiin to’ateera.

Shakkamtootarrattis hojiin qorannoo bal’inaan gaggeeffamaa akka jiru Humnichi Waloo beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.