Fana: At a Speed of Life!

Yakkoota dinagdee biyyaa miidhaan ittisuuf tarkaanfii fudhatameen Birriin miiliyoonni 16 ol baraaramuu eerame

Finfinnee, Caamsaa 29, 2014 (FBC) – Yakkoota dinagdee biyyaa miidhaan ittisuuf tarkaanfii seeraa fudhatameen Birri Miiliyoona 16 baraaruun akka danda’ame Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Naannoo Hararii Beeksisee.
Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Naannoo Hararii raawwii baatiiwwan sagalii ittisa yakkoota malaammaltummaa fi kanneen biroorratti hojjechaa turee ilaalchisuun ibsa kenneera.
Hoogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Naannichaa Obbo Iyoob Ahimad, mallaqoota seeraan alaa daddabarsuu, bajata miliksuu fi kontirobaandiirratti tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhatameen Birrii miiliyoona 16 ol baraaruun danda’ameera jedhan.
Yakkoota Malaanmaltummaan walqabate, proojektoota misoomaa lafarra harkisuun baajata miliqsuu, saamicha lafaa fi matta’aa fudhachuun walqabatee hooggansa naannichaa 19 irratti himanni banamuu eeraniiru.
Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu kan seektara tokkoo qofa miti kan jedhan Obbo Iyoob, hojiilee fuulduratti hojjetamaniif qaamni hundi gahee isaa bahachuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Nageessoo Kadiirtu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.