Fana: At a Speed of Life!

Yeroon filannoo marii qooda fudhattootatiin booda ifooma

Finfinnee, Muddee 29, 2012 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa yeroo filannoon itti gaggeeffamurratti torbeewwan lamaan dhufan keessa qooda fudhattoota waliin ni mari’ata.

Boordichi akka beeksisetti marichaan yeroon filannoon baranaa itti gaggeeffamuu qaburratti yaadni gabbisaa ni sassaabbama.

Gorsituun koominikeeshinii boordichaa aadde Soliyaanaa Shimallis Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turmaata taasisaniin akka beeksisanitti, yeroo filannoon gaggeeffamurratti mariin qooda fudhattootaa ega gaggeeffameen booda guyyaan filannoon itti gaggeeffamu ni ifooma.

Guyyaa filannoo ilaalchisee ragaaleen kanaan dura miidiyaaledhaan gadhiifamaa turan sirrii akka hin ta’in ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.