Fana: At a Speed of Life!

Yeroon kun yeroo seenaa itti hojjennudha- leenjitoota Bir Shalaqoo

Finfinnee, Sadaasa 8, 2014 (FBC) – Yeroon kun yeroo seenaa itti dubbatan osoo hin taane yeroo seenaa itti hojjetan ta’uu Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa duraanii giddugala leenjii Bir Shalaqootti leenjii kennaa fi  fudhachaa jiran ibsaniiru.

Miseensonni kunneen Ityoophiyaa garee weeraraa ABUT irraa baraaruuf wareegama kamuu kaffaluuf qophii ta’uu kaasaniiru.

Waamicha biyyaa fudhatanii gara ogummaasaaniitti deebi’uu isaaniif gammaduu ibsaniiru.

Leenjii kennamaafii jiru haalaan fudhachuun ergama itti kennamu gootummaan ba’achuuf qophii ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.