Fana: At a Speed of Life!

Yunvarsiitiin Waachaamoo barattoota kuma 1 fi 398 eebbisiise

Finfinnee, Eebila 30, 2013 (FBC) – Yunvarsiitiin Waachaamoo barattoota ogummaa garaagaraan digirii jalqabaa fi 2ffaan barsiisaa ture kuma 1 fi 398 eebbisiiseera.
Barattoota Yunvarsiisichi har’a eebbisiisee keessaa 23 barattoota sagantaa digirii 2ffaan barnoota isaanii hordofaa turan ta’uu ibsameera.
Eebbifamtoonni kunneen sagantaa idileen kanneen barnoota saayinsii hawaasummaa, Biiznasii fi diinagdee, Teeknooloojii fi dameewwan qonnaan leenji’an ta’uu eerameera.
Sirna eebbichaarratti itti aanaan daayreektara olaanaa Ejansii odeeffannoo fi tika nageenyaa Dooktar Antenahi Tasfaayee dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa garaagaraa argamaniiru jedhame.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.