Fana: At a Speed of Life!

Yuunivariisiitiin Koyaangipo’ook barattoota Finfinneef carraa barnoota bilisaa kennuuf waliigale

Finfinnee, Hagayya 25, 2015 (FBC) – Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen kan Kooriyaa Kibbaa magaalaa Chuntoonitti argamuu Pireezidaantii Yuunivarsiitii Koyaangipo’ook Kiim Hiwan Yaangi waliin mari’ataniiru.

Marii isaaninis bu’uuraa waliigaltee magaalota obbolaa lameen gidduutti taasifameen daandilee carraa barnootaa bilisaa mijeessuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Yuunivarsiitiin Koyaangipo’ook barattootaa Finfinnee ulaagaa barbaachisu guutanii fi qabxii fooyya’aa galmeessan carraa barnoota bilisaa kantiibaan eeyyamame kennuuf waliigalameera.

Carraa barnootaa bilisaa kun, bulchiinsi magaalichaa yuunivarsiitiiwwan beekamoo magaalotaa obbolaa Finfinnee keessatti argaman waliin ta’uun, barattootaa Finfinnee qabxii fooyya’aa galmeessaniif carraa barnootaa kennuuf sochii Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen eegalame ta’uun ibsameera.

Barattoota magaalattiif carraa gaarii akka uumu ibsamuu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Aadde Adaanech, michummaa bara dheeraa magaalota lameenii gara sadarkaa caaluutti ceesisuuf kan kaayyeffate daawwannaa Kooriyaa Kibbaa Magaalaa Chuntoonitti taasisan xumuruun Finfinneetti deebi’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.