Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Harraambee baratoota sagaantaa gara garaan barsiisa ture 1600 ol ebbisiise

Finfinnee, Adoolessa 23, 2014 (FBC) – Yuunivarsiitiin Harraambee Kampasiin Adaama, barattoota sagantaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 1fi 690 marsaa 19ffaaf eebbisiiseera.

Sirni eebbaa kun bakkaa hoggaantonni olaanoo sadarkaa naannoo argamanitti gaggeefameera.

Hundessaan Yuunivarsiitichaa Obbo Fayiisaa Araarsaa, eebba baranaa barii atleetonni ityoophiyaa injiifannoo boonsaa galmeessanittii gaggeeffamuun adda taasisa jedhan.

Yuunivarsiitichi barnoota kennuu qofa osoo hintaane qulqullina barnoota irraatti xiyyeeffate barsiisa jiraachu himaaniiru.

Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Hawwaasumma Oromiyaa Obbo Abduulhaakiim Muluu gama isaanin, ebbifamtoonni jalaala biyyaaf qabdan ummaata keessan tajaajiluun mul’isu qabdu jedhan.

Akkasumas Carraa hojii ummaachun of jijjiiru akka qaban dhaamaniiru.

Hogganaan biroo barnoota oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoos, Milkaa’inni cimanii hojjechuurraa dhufaa jedhanii, kanaaf eebbifamtoonni hojii osoo hintuffaatin hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Hawwii Fiqaaduutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.