Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiiwwan eebbifamtootaf qormaata ba’umsaa Adoolessa 3, 2015 eegalee ni laatu

Finfinnee, Caamsaa 10, 2015 (FBC) – Ministeerri Barnootaa Yuunivarsiitiiwwan wiirtuwwan qormaataa Yuunivarsiitii mootummaatti kaadhimamtoota eebbifamtootaaf qormaata ba’umsaa Adoolessa 3 – 13, 2015 kan laatan ta’uu beeksise.

Eebbifamtoonni Dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaa irraa qormaata ba’umsaa bara 2015 fudhachuuf galmaa’an wiirtuuwwan qormaataa Yuunivarsiitiiwwan mootummaatti akka fudhatan ibeera.

Barattoonni qormaata seeraa ba’umsa bara 2014 irratti qabxii darbiinsaa hin argatin hafan, yeroo walfakkaatutti wiirtuuwwan qormaataa Yuunivarsiitii mootummaattis qormaata fudhachuu kan danda’an ta’uu himameera.

Ministeerri Barnootaa qormaata ba’umsaYuunivarsiitii kana laachuuf qophii adda addaa taasisaa tureera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.