Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiiwwan garaagaraa barattoota muummee garaagaraan barsiisaa turan eebbisiisan

Finfinnee, Hagayya 28,2014(FBC)- Yuunivarsiitiiwwan garaagaraa barattoota muummee barnootaa garaagaraan barsiisaa turan eebbisiisaniiru.

Yuunivarsiitiin Gondar barattoota muummee barnootaa garaagaraan digirii jalqabaa, 2ffaafi 3ffaan barsiisaa ture kuma 5 fi dhibba 5 ol guyyaa har’aa eebbisiiseera.

Yuunivarsiitichi bara 2014tti marsaa lamaan barattoota kuma 11 fi 493 eebbisiisuu eerameera.

Guyyaa har’aa sagantaa garaagaraan barattoota dhiiraa kuma 3 fi 927 fi dubaraa kuma 1 fi 600 eebbisiisuu ibsameera.

Bifuma walfakkaatuun Yuunivarsiitiin Dabra Birhaan barattoota muummeewwan barnootaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 2 ol eebbisiiseera.

Yuunivarsiitichi sagantaa idilee, galgalaafi torbeen digirii jalqabaan barattoota kuma 2fi 702, digirii 2ffaan 224 akkasumas digirii 3ffaan barattoota 2 eebbisiisuu eerameera.

Dabalataanis yuunivarsiitichi barattoota Yuunivarsiitii Addigiraat irraa yuunivarsiitichatti ramadaman 283 eebbisiisuu ibsameera.

Bifuma walfakkaatuun Yuunivarsiitiin Samaraa barattoota sagantaa barnootaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 1 fi 100 ol eebbisiiseera.

Salaam Asmallaashiifi Abbabaa Yashawaali’uultu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.