Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitin Miizaan Teeppii hojii qorannoo COVID-19 ifatti eegale

Finfinnee, Hagayyaa 7, 2012 (FBC) – Yuunivarsiitin Miizaan Teeppii hojii qorannoo COVID-19 ifatti eegaleera.

Yuunivarsitichi guyyaa har’a kan ifoomse qorannoo laabraatoorii vaayrasii koroonaa guyyaatti samuuda namoota 1128 qorachuu danda’a jedhameera.

Kana dura hoji qorannoo laabraatoorii Finfinnee, Jimmaa fi Hawaasaatti ergamuun taasifama tureen qisaasama yeroo fi mallaaqaa hambisuun eeggataan preezdaantii yuunivarsitichaa Dooktar Ahimad Musxafaa ibsaniiru.

Sirna qorannoo laabraatoorii eegalchisurratti kan argaman hogganaan biiroo eegumsa fayyaa naannoo kibbaa obbo Aqinaaw Kaawizaa fi dhaabbilee barnoota olaanoo argamuu ibsameera.

Gidduugalli qorannoon laabraatoorii har’a eegalame kun tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf shooraa olaanaa qaba jedhameera.

Gidduugali qorannichaan hawaasa Beench Shaakoo, Shaakaa, Kaafaa, Oomoo dhihaafi naannoo Gaambellaa Maajangaaf tajaajila kan laatu ta’uu ibsameera.

Yuunivarsitichi gidduugala qorannoo fi weerara vaayrasichaa ittisuuf baasii Birrii miiliyoonaa 24 taasiseera jedhame.

Misikkiir Sinaafqitu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.