Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsitiin Haramaayaa barsiisota lamaaf gulantaa Pirofeesarummaa guutuu kenne

Finfinnee, Guraandhala 21, 2015 (FBC)- Boordiin bulchiinsa Yuunivarsiitii Haramaayaa walga’ii gaggeesseen Barsiisota yuunivarsitichaa lamaaf gulantaa Pirofeesarummaa guutuu kenneera.

Daayrektarri Quunnamtii Ummataa fi Idil Addunyaa Obbo Alamsheet Tashoomee akka ibsanitti, boordiin yuunivarsiitichaa Dooktar Naggaa Asaffaa fi Dooktar Galaanaa Amanteef gulantaa Pirofeesarummaa guutuu kenneera.

Dooktar Naggaan Asaffaa fayyaa haadholii fi daa’immaniin, Dooktar Galaanaa Amantee ammo Fiiziksiidhaan gulantichaa kenneera.

Pirofeesar Naggaa Asaffaa Yuunivarsiitii Haramaayaatti koolleejjii saayinsii wal’aansaa fi fayyaatti barsiisummaa fi qorannoo gaggeessuun kan tajaajila jiran yoo ta’u, gulantaa Pirofeesarummaa guutuu yoo kennamuuf akka koollejjichaatti kan jalqabaa ta’uu Obbo Alamsheet ibsaniiru.

Tashoomaa Haayiluutu gabaase

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.