Fana: At a Speed of Life!

Yuuniyeeniin Waldaa Hojii Gamtaa Oomishtoota Bunaa Oromiyaa Warshaa Bunaa ijaarsise eebbisiise

Finfinnee, Amajjii 22, 2013 (FBC ) – Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan Warshaa Bunaa Yuuniyeenii Waldaa Hojii Gamtaa Oomishtoota Bunaa Oromiyaa eebbisiisaniiru.
Yuuniyeenichi birrii miiliyoona dhibba 1 oliin magaaloota galaanii fi Aanaa Garbaatti warshaa fi man – Kuusaa ammayyaa ijaarsiise eebbisiiseera.
Warshaan ammaayyaa Magaalaa Galaanitti ijaarame bakka Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi hoggantoonni olaanoon Federaalaa fi naannoo argamaniitti eebbifameera.
Godina Gujii Lixaa Aanaa Garbaattis qaama Yuuniyeenichaa kan ta’e man kuusaan bunaa eebbifameera.
Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan qonnaan bulaan kaleessa miidhamaa ture har’a fayyadamoo ta’u qaba jedhan.
Qonnaan bultoota fayyadamoo taasiisuuf wantoota hudhaa ta’an bu’uurarraa furuun dirqama ta’uu qaba jedhan obbo Shimallis.
Obbo Ahmad Sayiid hogganaan yuuniyeenii waldaa hojii gamtaa oomishtoota buna Oromiyaa ergaa miseensoota yuuniyeenichaaf dabarsaniin hiyyummaa balleessuun wabii qonnaan bultootaa ta’uu qabdu jedhaniiru.
Dhaabbilee garaagaraa milkaa’ina warshaa buna oromiyaa kanaaf shoora irraa eegamu taasiisaniif beekamtiin kennameera.
Iddoosaa Abdiitu gabaase
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.