Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Finfinnee tatamsa’ina Vaayirasii koroonaa (COVID 19) ittisuuf barattoonni mooraa keessaa akka gadi hin baane ittise

Finfinnee, Bitootessa 13, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitiin Finfinnee tatamsa’ina Vaayirasii koroonaa (COVID 19) ittisuuf barattoonni mooraa keessaa akka gadi hin baane ittise.

Yuunvarsiitiin Finfinnee tatamsa’ina Vaayirasii koroonaa (COVID 19) ittisuuf barattoonni mooraa keessaa akka gadi hin bane ittisuu cinaatti, qajeelafamoota haaraa ifa taasise.

barataan kammiyyuu mooraa Yuunvarsitichaa keessaa akka hin baane, kan bahee yoo ta’e deebii’ee seenuu hin dandeenye murteesseera.

Kana malees, barattoonni mooraa keessa jiraatan garuu fayyadamtoota kaaffee yuunvarsitichaa kan hin taane ammoo kanfaltii barbaachisu raawwachuun kaaffeetti akka fayyadaman kallatti kaa’eera.

Kan qajeelfama kana hin raawwannee ammoo mooraa keessaa akka bahan murteesseera.

Barataan magaalaa keessa jiru kamuu gara mooraatti seenuun dhorkaadha, seenuu kan barbaade garuu erga qorannoon gaggeefamuun vaayrasicha irra bilisa ta’unsaa baramee booda qofa akka ta’ees ibseera.

Dirree ispoortii irratti har’aa kaasee waliin ta’uun taphachuun dhorkamu kan ibsee Yuunvarsitichi, jiimii ykn tajaajilli ispoortii mana keessaas hin kennamu jedheera.

Itti dabaluunis waliin ta’uun TV dowwachuun dhorkameera.
Barnoonni karaa intarneetii kan itti fufuu waan ta’eef barattoonni manasaanii fi doormii taa’uun barnootasaanii haa hordofan jedhe.

Kanaan alatti barattoonni wayita kaaffee fi mana kitaabaa fayyadaman yoo xinnaate meetira tokko waliirraa fagaachuun barbaachisaa ta’uu dhaameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.