Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Walloo barattoota, barsiisootaa fi hojjettoota 335 irratti tarkaanfii fudhate

Finfinnee, Muddee 29, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitiin Walloo barattoota, barsiisootaa fi hojjettoota jeequmsa keessatti hirmaatan jedhe 335 irratti tarkaanfii fudhachuu beeksise.

Yuunvarsiitichi adeemsa baruu fi bariisuu irratti fudhatamaa fi fakkeenya gaarii qabaatus yeroo dhiyoo as sabaa fi amantaa bu’ura godhachuun jeequmsa ka’een ji’oottan darban keessa qofa yeroo afuriif barnoonni adda cituu isaa preezdaantiin yuunvarsiitichaa Dooktar Abaataa Geetahuun ibsaniiru.

Jeequmsa kanaanis lubbuun barattoota lamaa yoo darbu barattoota muraasa irra ammoo miidhaan qaamaa ga’eera jedhan.

Ji’oottan darbaniif qaamolee nageenyaa waliin sakatta’iinsa taasifameen qaamolee adeemsi baruu fi barsiisuu akka gufatuu fi lubbuun akka badu taasiisan barattoota 332, barsiisaa 1 fi hojjetoota bulchiinsaa 2 adda baasuun tarkaanfii irratti fudhamuu ibsaniiru.

Kanneen keessaa dhimmi barattoota 12 fi hojjettoota 2 seeraaf dhiyaachuun ilaallamaa jira jedhan Dooktara Abaataan.

Barsiisaan tokko ammoo hojii baruu fi barsiisuu irraa dhorkamuu kan ibsan Preezdaantiichi, barattoota 320’f of eeggannoon isa dhumaa kennamuu ibsaniiru.

Oduu walfakkaatadhaan Yuunvarsiitiin Dirree Daawwas qaamoolee jeequmsa tibba darbe uummame keessatti hirmaatanii fi kakaasan 18 irrat tarkaanfii fudhateera.

Barattoonni 2 guutumman barnoota isaanii irra haqamuu, barattoonni 7 wagga 3’f, barattoonni 8 waggaa 2’f adabamuu fi alaa galuun hirmaachaa kan ture irratti ammoo himaannaa banuu, akkasumas barattootaa 69 rakkoo namuusaa qaban adda baasuun irratti hojjechaa jiraachuu ibseera.

Yuunvarsiitiin Goondaris torbee darbe barattoota, barsiisotaa fi hojjettoota bulchiinsa yuunvarsiitichaa 73 irratti tarkaanfii fudhachuu ibsuun isaa kan yaadatamudha.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.