Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiiwwan qorannoo karooraa baajata 2014 irratti leenjii fi gamaaggama magaalaa Bishooftuutti gaggeessaa jira

Finfinnee, Adooleessa 26, 2013 (FBC)- Yuunvarsiitiiwwan qorannoo karooraa baajata 2014 irratti leenjii fi gamaaggama Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee waliin ta’uun magaalaa Bishooftuutti gaggeessaa jira.

Haasaa baniinsaa kan taasisaan ministir deettaan ministeera saayinsii fi dhaabbilee barnoota olaanoo proofeeseer Afawarq kaasuu, Dhaabbileen Barnoota Olaanaa qormaatilee bara darbe isaan muudaterraa bahuu gara giddugala beekuumsaatti akka jijjiramaniif hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Gama biraanis yuunvatsiitiiwwan qorannoo qorannoon deeggaruun hojii bu’a qabeessa akka hojjeetaniif carraa uumuufi jedhaniiru.

Sagantichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’uu, magaalaa Bishooftuutti ashaaraa magariisaa, dhiiga arjoomuu fi tajaajila lammummaa akkasumas hoggantoota magaalichaa fi abbootii indaastirii waliin waltajjiin waloo kan gaggeessaan ta’uu ragaan ministeera saayinsii fi dhaabbilee barnoota olaanoorra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.