Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitin Dirree Dawaa barattoota rakkoo naamusaa qaban jedherratti tarkaanfii fudhachuu beeksise

Finfinnee, Amajjii 7, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitin Dirree Dawaa barattoota rakkoo naamusaa qaban jedherratti tarkaanfii fudhachuu beeksise.
 
Seeneetiin yuunvarsiitichaa walga’ii ariifachiisaa Muddee 27,2012 gaggeessen, tarkaanfin naamusaa akka fudhatamu murteessun isaa ni yaadatama.
 
Haaluma kanaan dhimmi barattoota 69 qulqullaa’ee tarkaanfin kan fudhatamu ta’uu ibseet ture.
 
Seeneetichi Amajjii 6,2012 walga’ii ariifachiisaa taa’en barattoota 51 irratti murtee dabarseera.
 
Barattoota 42f akeekkachiisa dhumaa, 7f adabbii waggaa 1, 2f adabbii waggaa 2 murteessera.
 
Yuunvarsiitichi waliigalaan amma ammaatti barattoota 68 akkaataa rakkoo naamusa isaanitiin adabuu eerera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.