Fana: At a Speed of Life!

Zayiitiin liitirri miiliyoona 1.2 hawaasaaf raabsame

Finfinnee, Amajjii 30, 2015 (FBC)- Dhaabbanni Misooma Galteewwan Indaastirii Ityoophiyaa zayiita nyaataa Jibuutiirraa bitee gara biyyaatti geejjibuun hawaasaaf raabsaa jiraachuu beeksiseera.

Hanga ammaattis zayiita nyaataa liitira miiliyoona 1 fi kuma 196 ol hawaasaaf raabsamaa jiraachuun ibsameera.

Marsaa jalqabaatiin bittaan zayiitaa liitira miiliyoona 5 fi marsaa lammaffaan bittaan liitira miiliyoona 6 fi kuma 518 raawwatameera.

Haaluma kanaan zayiita marsaa jalqabaan bitame gara biyya keessaatti geejjibsiisuun hawaasaaf raabsaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiin zayiita nyaataa geejjibsiisuu marsaa jalqabaa torban dhufu akka xumuramu Bakka Bu’aan Daayrektara Bitta Bu’aalee Idaastirii Dhaabbatichaa Obbo Masfiin Mallasee mirkaneessaniiru.

Akkaataa ramaddii Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa baaseen, Bulchinsa Magaalaa Finfinnee, Naannoolee Oromiyaa, Kibba, Beenishaangul Gumuz, Afaar fi Sidaamaatti raabsamaa jiraachuu ibsaniiru.

Gurgurtaan isaas gatii Ministeerri Maallaqaa baasee gatii geejjibaa utuu hindabalanne liitiriin tokko Birrii 104 fi saantim 66 kan dhiyaatu ta’uu ibsaniiru.

Yohaannis Darriboowutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.