Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee, Hagayya 25, 2015 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti bara 2016 lafa heektaara miiliyoona 2.5 qamadii jallisiin misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon qonnaa Oromiyaa beeksise.

Misooma Jallisii bara kanaaf haal dureen xumuramaa jiraachuu Itti Aanaa Hogganaan biirichaa Obbo Bariisoo Fayyisaan dubbataniiru.

Bara 2016tti paampiiwwan bishaanii gosa gara garaan lafa heektaara miiliyoona 1.3 jallisiiwwan aadaafi ammayyaan misoomsuuf karoorfamuu dubbataniiru.

Sanyiin filatamaan qamadii kuntaalli kumni 100 qophaa’uufi galteewwan callaa guddisan duraa duubaan dhiheessufis hojjetamaa jiraachuu eeruu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.