Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Finfinnee madaallii ga’umsa ogummaa eegaluufi

Finfinnee, Ebla 30, 2016 (FBC) – Yuunivarsiitiin Finfinnee Baatii Fulbaanaa dhufuu eegalee sagantaa Madaallii Ga’umsa Ogummaa eegaluuf ta’uu beeksise.

Yuunivarsiiticha waggaa lama keessatti guutummaan Yuunivarsiitii ofiin of bulchu taasiisuuf hojiilee hedduun hojjetamuu Itti Aanaan Pireezidaantiin Akkaadaamii Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Jaluu Umar ibsaniiru.

Barattoota eebbifamaanii gara Indaastirii hojii galaniif madaallii ga’umsa Ogummaa kennuuf murtaa’uu eeraniiru.

Sagantichi sadarkaa idil addunyaa kan eegatee fi fedhii gabaa bu’uura kan taasiise ta’uu himuun, sagantichis seenaa dhaabbilee barnootaa olaanaa kan jalqabaa ta’uu kaasaniiru.

Sagantichi eegaluun ogeeyyii ga’umsa qaban gabaarraa argachuu kan gargaaruu fi Yuunivarsiitichi ergama dhaloota ga’umsaa fi dandeettii qabu horachuuf qabate kan milkeessu ta’a jedhan.

Sagantaan madaalli ga’umsa ogummaa kun damee hundaan kan kennamu ta’u himuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.