Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti waltajjiin qophii karoora Tiraanisfoormeeshinii gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Ebla 30, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti waltajjiin qophii karoora Tiraanisfoormeeshinii gaggeeffamuu eegaleera.

Qophii Karooraa fi Tiraanisfoormeeshinii hooggantoonni olaanoon magaalaa Finfinnee itti hirmaatan gaggeeffamuu eegaluu Kaantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.

Workishooppichi Finfinnee magaalaa filatamtuu idil addunyaa taasisuu kan dandeessisan ajandaalee jaha irratti leenjii kennuu fi qophiin karoora tiraanisfoormeeshinii kan raawwatu yoo ta’u leenjichaan ogeeyyiin damichaa idil addunyaa hooggantoota keenyaaf leenjiiwwan ni kennu jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Biyya keenya badhaadhsuuf damee hundaan boqonnaa malee hojjachuun keenya cimee itti fufeerra jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.