Fana: At a Speed of Life!

Daandiin qilleensichaa Xiyyaaroota Booying 777x-9 bituuf Dhaabbata Booying waliin waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Guraandhala 26, 2016 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Xiyyaaroota Booying 777x-9 bituuf Dhaabbata Booying waliin waliigaltee mallatteesseera.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Xiyyaarota kanneen bituuf waliigaltee mallatteessuun Afrikaarraa Daandii Qilleensaa jalqabaa ta’a jedhame.

Xiyyaarri kun teessoowwan 425 kan qabu yoo ta’u, keessummeessitoota balalliif mijataa ta’uu eeramera.

Xiyyaara Meetira 71 dheeratu yoo ta’u, koochoo dadacha’uu danda’u qaba jedhame.

Xiyyaarri kun bara Faranjootaa 2020 balallii jalqabaa taasiisuu isaa eerameera.

Daandiin Qilleensaa Emireetis xiyyaara kana ajajuun kan jalqabaa yoo ta’u, Xiyyaatota 777x-9 205 ajajuu ibsameera.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.