Fana: At a Speed of Life!

Weerarri vaayrasii koroonaa baatii 6f turraan Ityoophiyaan Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 39.2 dhabuu dandeessi

Finfinnee, Caamsaa 6, 2012 (FBC) – Weerarri vaayrasii koroonaa baatii 6f turraan Ityoophiyaan Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 39.2 dhabuu dandeessi jedhame.
 
Baatii 6f rakkinichi kan itti fufu taanan hir’inni oomishaa yookin dhabiinsi oomishaa amma maallaqa eeramee dhabamuu mala jedhame.
 
Mariin hayyootaa fi dhaabbilee addaddaa hirmaachise kan Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo FDRItin hogganame gaggeeffameera.
 
Dhiibbaa diinagdee fi fayyaa weerara vaayrasichaatin biyyarra qaqqabuu malurratti mari’atameera.
 
Hayyuun Yuunvarsiitii Finfinnee Dooktar Taaddalaa Farradaan akka beeksisanitti namni akka garaatti socho’ee yoo hin hojjenne, dameen tuuriizimii qabbanaa’ee yoo ture, sochiin diinagdee yoo laafe miidhaa cimaa qaqqabsiisa jedhan.
 
Dhiibbaa hawaasummaa qaqqabsiisuu malu hir’isuuf ammoo odeeffannoo waliin ga’uurratti hojjetamuu qaba kan jedhan Dooktar Yeraaswarq Admaaseeti.
 
Magaalota Ityoophiyaatti namoonni miiliyoona 7.5 ol ta’an mataa ofiitin carraa hojii uummatanii kan jiraatan ta’uu qorannaan ni agarsiisa.
 
Kana keessaa kumni dhibbi 8 damee tajaajilaarratti kan bobba’anidha.
 
Baatii 3 keessatti oomishti %9 amma %3.8 hir’achuu akka malus tilmaamameera.
 
Weerarri vaayrasii koroonaa baatii 6f turraan Ityoophiyaan Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 39.2 dhabuu dandeessi jedhaniiru hayyoonni maricharratti hirmaatan.
 
Ministirri Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Proofeesar Hiiruut Waldamaariyaam miidhaan qaqqabu cimaa akka hin taane xiyyeeffannaadhan hojjetamaa jira jechuu isaanii TOI gabaasera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.