Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Qonna Arfaasaan lafti hektaarri miiliyoonni 1 fi kuma 506 ol misoomuun kunuunfamaa jira – BQO

Finfinnee, Ebla 30, 2016 (FBC) – Oromiyaatti bara kana Qonna Arfaasaan lafti hektaarri miiliyoonni 1 fi kuma 506 ol misoomuun kunuunfamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiise.

Qonna Arfaasaa bara 2016tiin Godinaalee rooba Arfaasaa fayyadaman keessatti lafa hektaara miiliyoona 1 fi kuma 228 ol misoomsuuf karoorfamee hektaarri miiliyoonni 1 fi kumni 506 ol misoomuun kunuunfamaa jiraachuu biirichi ibseera.

Haalli qilleensa bara kanaa fayyadamtoota qonna Arfaasaa biratti fooyya’iinsa guddaa waan qabuuf qooda fudhattoonni qonnaa sadarkaan jiran kunuunsi midhaanii yeroo isaa eeggate akka taasiifamu qahee isaanii akka bahan Biiroon Qonnaa Oromiyaa waamicha dhiyeesseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.