Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree magaalaa Dirree Daawaa yaa’ii idilee gaggeessuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 29, 2012 (FBC) – Manni Maree magaalaa Dirree Daawaa yaa’ii idilee gaggeessuu eegale.

Manni marichaa yaa’ii idilee 44ffaa bara hojii 2ffaa guyyaa har’aa gaggeessuu kan eegale yoo ta’u, itti aanaan kaantibaa magaalichaa obbo Ahimad Mahaammad gabaasa raawwii hojii bara 2012 dhiyeessaniiru.

Bulchiinsa magaalichaa bara hojii darbetti galii Birrii biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona 59 fi miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 57 fi kuma dhibba 2 fi kuma 19 walitti qabuu gabaasichaan ibsameera.

Bara baajatichaatti proojaktoota haaraa fi buleeyyii 178 hojjetamaa turan keessaa 57 xumuramuu fi 81 ijaarsarra jiraachuu obbo Ahimad ibsaniiru.

Abbootii qabeenyaa kaappitaala biiliyoona 4.6 galmeessisaan 320 eeyyamni hojii invaastimantii kennamuus himameera.

Yaa’ichi hanga Adoolessa 30, 2012tti kan itti fufu yoo ta’u, raawwii hojii seektaroota garaagaraarratti gadi fageenyaan kan mari’atu ta’uu ibsameera.

Akkasumsa yaa’ichi baajata bara 2013 fi karoora waggaa 10 magaalichaarratti ni mari’ata jedhame.

Manni marichaa mudamoota garaagaraa dhiyaatus ni raggaasisa jedhamee eeggama.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.