Fana: At a Speed of Life!

 Lolaa gara carraa gaariitti jijjiiruuf qindoominaan hojjechuun ni barbaachisa – Mufariyaat Kamiil
 
Finfinnee, Fulbaana 5, 2013 (FBC) –Jilli Ministira Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiiliin durfamu naannoo Afaaritti iddoowwan balaa lolaan saaxilaman daawwateera.
 
Jilli kun naannichatti lagni Awaash hammaa ol guutuun miidhaa lubbuu namaa fi qabeenyarraan qaqqabsiise daawwateera.
 
Balaa mudateen lammiileen qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’an ammallee dabalaa jiraachuu eerameera.
 
Hammi bishaanii bara kanaa waggoottan 30 as isa olaanaa ta’uu ibsameera.
 
Mootummaan naannoo fi Federaalaa balaa uummamuu danda’u dursanii tilmaamuun qophii olaanaa taasisanis, balaan qaqqabe hanga tilmaamamee ol ta’uun miidhaa bal’aa qaqqabsiisuu Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiil fuula feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Maatii hedduu deeggarsi namoomaa hatattamaa kan isaan barbaachisu ta’uu eeraniiru.
 
Yaa’insa bishaan laga Awaash haala yaa’insa duraatti deebisuuf hirmaannaa olaanaa kan gaafatu ta’uu himaniiru.
 
Mootummaan naannichaa, jiraattoonni, miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa, poolisiin Federaalaa fi hojjettonni hoggansa ittisa sodaa balaa waliin ta’uun lubbuu baraaruuf hojjechaa jiraachuu aadde Mufariyaat Kamiil eeraniiru.
 
Aadde Mufariyaat Kamiil, qaamoolee lubbuu namaa baraaruuf gatii guddaa kaffalanii dhama’aa jiran galateeffataniiru.
 
Lolaan idaa qofa osoo hin taane carraa gaarii akka ta’uuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
 
Kutaalee hawaasaa miidhaman deebisanii dhaabuuf deeggarsi taasifamu cimee itti fufa jedhan.
 
Yeroo itti aanu akkaataa itti hanga bishaanii to’achuun danda’amurratti kallattiin furmaataa kan kaa’amu ta’uu ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.