Fana: At a Speed of Life!

Obbo Musxaafeen ijaarsa daandii cirrachaa Harshin – Gaashaamoo Looti 1ffaatti hojjetamauuf dhagaa bu’uuraa kaa’an

Finfinnee, Sadaasa 13, 2013 (FBC) – Obbo Musxaafeen daandii cirrachaa Harshin – Gaashaamoo Looti 1ffaa Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 38n hjjetamuuf dhagaa bu’uuraa kaa’an.
Ijaarsi daandii cirrachaa kun Kiiloo Meetira 140 uwwisa jedhame.
Waggoottaan 27 darbanitti uwwisni bu’uraalee misooma daandiii naannichaa gadi aanaa ture kan jedhan itti aanaan Preezdaantii naannoo Soomaalee obbo Musxaafee Mahammad jijjiirrama as xiyyeeffannoo laatameen bu’aan gaariin argamuu eeraniiru.
Baajaata naannichaan guutumaan guutuutti kan hojjetamu ijaarsi daandii looti 2ffaan bara dhufuun kan eegalu ta’uu eeraniiru.
Akka EBCn gabaaseetti gara fuula duraas mootummaa federaalaa waliin ta’uun gara Aspaaltiitti guddisuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Jiraattoota godina Faafan magaalaa Haritsheek fi aanaa Harshan waliin haala yeroo biyyaalessaa, naannoo fi dhimmoota biroorratti mari’ataniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.