Fana: At a Speed of Life!

Maalaawiin walitti dhufeenya diippiloomaasii Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuu akka barbaaddu ibsite

Finfinnee, Muddee 30, 2012 (FBC) – Maalaawiin walitti dhufeenya diippiiloomaasii Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuu akka barbaaddu beeksifte.

Ministirri Dhimma Alaa Maalaawwii Firaansiis Kaasaaliiyaan teessoo isaanii Naayroobii kan godhatan Keeniyaatti Ambaasaaddara guutuu FDRI Mallas Alam Liiloongiweetti samachuun dubbisaniiru.

Ambaasaaddar Alam Xaalayaa muudama isaanii Maalaawwiif dhiyeessuuf dhufuun isaanii hariiroo Ityoophiyaa fi Maalaawwii gidduu jiru cimsuuf yeroo itti aanuu waliin hojjechuuf kan jajjabeessuudha jedhan.

Hariroon gama daldalaa, Invastimantii fi qonnaa biyyoota lamaanii akka cimuuf Maalaawwiin fedhii guddaa qabbdi jedhan Firaansiis Kaasaaliiyaan.

Ityoophiyaan mana jireenyaa Afrikaanoota hundaat kan jedhan ministirichi naannichatti nagaa buusuuf hojiilee Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy hojjetaa jiran dinqisiifataniiru.

Walii galteen kanaan dura waliin mallattaa’e bifa fooyyee qabuun hojiitti akka hiikkatuuf biyyoonni lamaan haala mijeessuu qabu jedhaniiru.

Daandiin humna qilleensaa Ityoophiyaa torbeetti guyyoota torbaaf gara Maalaawwiitti balali’uun isaa walitti dhufeenya jiru caalmaatti kan cimsu ta’uu ibsaniiru.

Daddabarsa namoota seeraan alaa ittisuuf waliin hojjechuun murteessaa ta’uus eeraniiru.

Ambaasaaddar Mallas Alam gama isaaniin haala yeroo Ityoophiyaa ilaalchisee Ministirichaaf ibsa kan laatan yoo ta’u, guyyaa har’aa xaalayaa muudama isaanii Preezdaantii biyyattii Proofeesar Piitar Muntaariikaaf ni dhiyeessu jedhameera.

Maalaawwiin bara 1956 Imbaasii Ityoophiyaatti kan banatte yoo ta’u, Ityoophiyaan ammoo Imbaasii Naayroobii qabduun uwwisa kan laattu ta’uu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Dhimma Alaa irraa argame ni agarsiisa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.