Fana: At a Speed of Life!

Godina Gujii fi Shawaa Kaabaatti Taallaalliin Pooliyoo daa’immaniif kennamaa jira

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC) – Godina Gujii fi Shawaa Kaabaatti Taallaalliin Pooliyoo marsaa 2ffaan daa’immaniif kennamaa jiraachuu ibsameera.
Godina Gujiitti Taallaalliin Pooliyoo daa’imman waggaa Shanii gadiif ogeeyyiin yaala Fayyaa manaa manarra deemuun kennaa jiraachuu, Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Godinichaa obbo Taarikuu Taaddasee dubbataniiru.
Daa’imman kuma dhibba 3 ol ta’aniif talaallii pooliyoo kana kennuuf hojjetamaa jiraachuu obbo Taarikuun eeraniiru.
Godina Shawaa Kaabaattis Duulli talaallii Pooliyoo marsaa 2ffaa guyyoota Afuriif turu eegaleera.
Duula marsaa kanaatiin daa’imman kuma dhibba 2 fi kuma 60 ol ta’anii talaallii kennuuf karoorfamuu Waajjirri Fayyaa Godinichaa ibseera.
Duulli talaallii pooliyoo marsaa 2ffaa Aanaalee godinichaa hunda keessatti daa’imman umrii waggaa shanii gadiif maraaf kan laatamu ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa godinichaa, obbo Laaschaaloo Hayimanoot dubbachuu OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.