Fana: At a Speed of Life!

Balaa bubbee cimaa Ameerikaatti qaqqabeen lubbuun namoota 25 darbe

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2012 (FBC) – Ameerikaa bulchiinsa Teenaasee magaalaa Naashiviileetti balaa bubbee cimaa mudateen lubbuun namoota 25 darbuu himameera.
 
Namoota 150 olirratti miidhaa cimaa fi salphaa qaqqabsiiseera jedhame.
 
Manneen jireenyaa fi gamoowwan hedduurra miidhaa cimaa geesisuu ibsameera.
 
Bubbichi kan mudate halkan walakkaa waan tureef miidhaa qaqqabe to’achuuf rakkisaa ture jedhame.
 
Buufata xiyyaaraa handhuura magaalichaatti argamurras miidhaa guddaa geessisuutu himame.
 
Sababa balichaan tajaajilli manneen barnootaa, humna elektirikaa fi geejjibaa adda citeera jedhame.
 
Lammiileen kumni 44 ol tajaajila humna elektirikaa ala ta’aniiru.
 
Yeroo ammaa lubbuu baraartoonni hedduun lammiilee miidhaman barbaachaa jiru jedhame.
 
Kaantibaan magaalaatti Joon Koopar miidhaan qaqqame hammaataa ta’uu ibsuun, deeggarsi dabalataa akka taasifamu waamicha dhiyeessaniiru.
 
Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Jimaata dhufu lammiilee miidhaman daawwaachuuf beellama qabachuu isaanii ibsameera.
 
Maddi:-BBC
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.