Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii Indaastirii Konistiraakshinii gaggeeffama jira

Finfinnee, Caamsaa 28, 2015(FBC)-Indaastirii Konistiraakshinii Sadarkaa Idil Addunyaatti dorgomaa fi humna namaa ga’umsa qabu ijaaruuf kan dandeessisu waltajjiin marii gaggeeffamaa jira.

Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa kan qopheesse waltajjichi, galteewwan indaastirii konistiraakshinii oomisha biyya keessaan bakka buusuu fi dorgomtummaa saffisiisuuf dhiyeessiin faayinaansii meeshaalee akka jiraatuuf qaamolee dhimmichi ilaaltu waliin ni mari’atama jedhameera.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Injiinar Wandimmuu Seetaa, damechi guddinaa fedhii biyyaalessaa Ityoophiyaa irratti gumaachaa taasisaa jiraatus rakkoolee walxaxaan qoramaa jirachuu dubbataniiru.

Rakkoolee kanneen furuun bu’aa barbaachisu fiduuf dhaabbata tokkoo qofaan kan furamu waan hintaaneef qindoomina hirmaattotaa damechaa hundaa gaafata jedhaniiru.

Miniyichil Azzazaatu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.