Fana: At a Speed of Life!

Qorannaa laabraatoorii sa’aa 24 darbe keessatti hojjetameen namoota 46 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Caamsaa 18, 2012 (FBC) –Qorannaa laabraatoorii sa’aa 24 darbe keessatti hojjetameen namoota 46 irratti vaayrasiin koroonaa argame.

Sa’aa 24 darbe keessatti samuudaan namoota 3,410 qoratameera.

Namoota vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’e 46 keessaa 29 dhiira, 17 ammoo dubartoota.

Umriin isaanii waggaa 12 hanga 79 ta’uu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksiseera.

Seenaa imalaa kan qaban 34, tuttuqqii kan qaban 4, seenaa imalaas ta’e tuttuqqii ifa ta’e qabaachuun isaanii kan hin mirkanaa’in 8.

46 keessaa 13 Finfinneedhaa ( 4 tuttuqqii kan qaban, 1seenaa imala alaa kan qaban, 8 seenaa imala alaas ta’e tuttuqqii ifa ta’e kan hin qabaatin), 3 naannoo Tigraay (seenaa imala alaa kan qaban), 15 naannoo Amaaraa ( seenaa imala alaa kan qaban), 11 naannoo Soomaalee( seenaa imala alaa kan qaban), akkasumas 4 konkolaachistoota daangaa qaxxaamuruuti.

45 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, namni 1 ammoo lammii Israa’eel ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.

Waliigalaan amma ammaatti Ityoophiyaatti qorannaan laabraatoorii namoota 87,264 kan hojjetame yoo ta’u, vaayrasichi namoota 701 irratti argamun mirkanaa’era.

701keessaa 526 hordoffii yaala adda baasanii argachaa jiru.

Hordoffii yaala cimaa keessa kan jiru 1, haaraa kan dandamatan 8.

Waliigaalaan amma ammaatti du’aatiin galmaa’e 6.

Gara biyya isaanii kan deebi’an 2.

Walumaagalatti lakkoofsi namoota dandamatanii ammoo 167 guutera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.