Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti dabalataan namoota 137 irratti vaayrasiin Koroonaa Argame

Finfinnee, Caamsaa 21, 2012 (FBC) – Qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 137 irratti vaayrasiin koroonaa argame.
Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisetti sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan laabraatoorii samuudaa 5015 hojjetameera.
Namoonni 20 seenaa imala biyya alaa .
namoonni 8 namoota vaayrasichaan qabamaniin tuttuqqii qabvu.
Namoonni 109 ammoo tuttuqqaas ta’e seenaa imala alaa kan hin qabnedha.
Namoonni 109 magaalaa Finfinneedhaa,
Namoonni 17 naannoo Amaaraa,
Namoonni 2 naannoo Beenishaanguul Guumz.
Namoonni 8 naannoo Oromiyaa,
Namni 1 naannoo Afaarii ta’uun galmaa’era.
Koorniyaadhan dhiirri 86 yoo ta’an, dubartoonni 51.
Umriin isaanii waggaa 4 hanga 75 ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.
 
Hundinuu lammiilee lammiilee Ityoophiyaati.
Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman 968 ga’aniiru.
Namni Umrii waggaa 62 dhibee birootin yaalarra turan samuudaan fudhatameefii qoratamaa osoo jiranuu lubbuun isaanii darbeera.
 
Bu’aa qorannichaatinis vaayrasichi irratti argameera.
Haaluma kanaan Ityoophiyaatti namoonni vaayrasichaan lubbuu isaanii dhaban 8 ga’aniiru.
Namoonni haaraan 6 vaayrasichaa dandamataniiru.
 
Waliigalaan namnoonni 197 dandamataniiru.
Vaayrasichi Ityoophiyaatti argamuun ega ibsamee eegalee qorannaan samuudaa namoota 101,581 gaggeeffameera.

Namoota sadarkaa naannoo Oromiyaatti guyyaa har’aa vaayrasii kanaan qabamuun isaanii mirkanaa’e keessa 5 jiraattoota magaalaa Sandaafaa ta’uu ibsameera.

Namni tokko Burraayyuu, 1 Adaamaa fi 1 ammoo Bishooftuu ta’uu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.