Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 228 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2013 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 228 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 1402 hojjetameen vaayrasichi namoota 228 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 9415 ga’eera.

Lubbuun nama 2 darbeera.waliigala Lubbuun namoota 63 darbeera.

Namoonni haaraan 277 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 4415dandamataniiru.

Namni 1 wallaansa cimaa keessatti argama.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 4954 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 178777 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.