Fana: At a Speed of Life!

Haala anniisaa dabalataa Giigaa Waatii 25 maddisiisuun danda’amurratti mari’atame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2013 (FBC) –Haala anniisaa dabalataa Giigaa Waatii 25 maddisiisuun danda’amurratti dhabbata idila addunyaa Foortiiskiiw jedhamu waliin marii gageessuu Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii beeksise.
Dhaabbatichi bishaanirraa Giigaa Waatii 15, Ji’ootarminaalirraa Giigaa Waayitii 10 maddisiisuuf Doolaara biiliyoona 10 invastii gochuu akka barbaadu beeksiseera.
Mariin kun hojiitti jijjiirramnaan Ityoophiyaaf carraa guddaa ta’uu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan dubbataniiru.
Uwwisa anniisaa yeroo ammaa 45% qofa ta’e fooyyessuuf mootummaan damichaan qaamoolee dhimmichi ilaallatu waliin xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ibsaniiru.
Karoora Ityoophiyaan bara Faranjootaa 2030tti lammiilee ishee hundaaf anniisaa dhiyeessuuf karoorfattee hojjetaa jirtu milkeessuuf mariin dhaabbata kana waliin taasiifame bu’aa olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Humna anniisaa Meegaa Waatii 350 biyyoota ollaaf yeroo ammaa dhiyaataa jiru yeroo gabaabaa keessatti gara 700 guddisuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Biyyoota addunyaa garaagaraatti anniisaa haaromu maddisiisuun kan beekkamu dhaabbanni idila addunyaa Foortiiskiiw jedhamu Ityoophiyaatti hojii kana eegaluuf marii taasisuu dubbatan.
Anniisaa dabalataa Giigaa Waatii 25 Ityoophiyaatti maddisiisuuf mariin jila dhaabbatichaa waliin gaggeeffame bu’aa qabeessa ta’uu Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan himaniiru.
Hojiin kun lammiilee hedduuf carraa hojii uumuu akka danda’u eerramuu ragaan ministeericharraa argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.